መነሻ ገጽ Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Oromiyaa Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Oromiyaa yaa’ii idilee 1ffaasaa taasisuun waggoottan itti aanan 4f Pirezidentii fi koree hojii raawwachiistuu ta’uun kan tajaajilan filate..
Federeeshiniin Kubbaa Miillaa OromiyaaHATRIIK AFAAN OROOMIFFANOduu HATRIIKOduu ispoorti oromooዜናዎች

Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Oromiyaa yaa’ii idilee 1ffaasaa taasisuun waggoottan itti aanan 4f Pirezidentii fi koree hojii raawwachiistuu ta’uun kan tajaajilan filate..

አጋራ
አጋራ

Magaala Adaamaa Galma Hoteela Maafiitti yaa’ii idilee jalqabaasaa kan taasise Federeeshiniin kubbaa miillaa naannichaa raawwii hojii bara darbee fi karoora hojii bara haaraa ifoomsuun qaamolee qooda fudhattootaa kutaalee naannichaa gara garaarraa walitti dhufan wajjin dhimmoota kubbaa miillaa naannichaarratti marii bal’aa taasiseera. wal tajjii marichaa dursaa kan turan Itti Gaafatamaa Federeeshinii Kibbaa miillaa naannichaa Obbo Firoomsaa Laggasaa fi Itti aanaa hoogganaa biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Naannoo Oromiyaa Obbo Naasir Huseen yoo ta’an qabxiilee ijoo gara garaa kaasuun marii bal’aa taasisaniiru.yaa’ichaan waggoottan itti aanan 4f Federeeshinicha Pirezidentii fi koree hojii raawwachiistuu ta’uuf Godinaalee naannichaa 21, Bulchiinsota Magaalaa 19, Waldaalee Abbootii murtee 2 fi Waldaalee leenjistootaa 2 irraa kan kaadhimamtoota ta’uun kan dhiyaatan namootni 7 filannoof kan dhiyaatan.

1. Dr. Waaqjiraa Simaa Magaala Bishooftuu bakka bu’uun
2.Aadde Aabarraash Taaddasaa Magaala Bishooftuu bakka bu’uun
3.Obbo Darajjee Mulaatuu Magaala Naqamtee bakka bu’uun
4.Obbo Girmaa Baqqalaa Godina Shawaa Kaabaa bakka bu’uun
5.Obbo Dinquu Aabbabaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii bakka bu’uun
6.Obbo Kabbadaa Warquu Magaala Sabbataa bakka bu’uun
7.Dr. Indaganaalam Awaas Magaala Adaamaa bakka bu’uun

filannoo gaggeeffameenis Dr. Waaqjiraa Simaan Pirezidentii haaraa Federeeshinii Kubbaa Miillaa Oromiyaa ta’uun, Aadde Aabarraash Taaddasaan immoo
Itti Aantuu Pirezidentii Federeeshinichaa ta’uun waggoottan 4n itti aananiif akka tajaajilaniif yoo filataman kanneen hafan 5n immoo miseensota koree hojii raawwachiistuu ta’uun akka tajaajilaniif sagalee guutuudhaan filatamaniiru.

Sirna filannichaa boodas sirni kakuu gaggeeffaamuun hooggansa duraanii wajjin sirni wal harkaa fuudhinsa sanadaa gaggeeffamuun goolabameera.

አጋራ

አስተያየት ይስጡ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

ተዛማጅ ጽሑፎች
ዜናዎችየኢትዮጵያ ፕሪሚየር ሊግየጨዋታ ዘገባ

ሲዳማ ቡና የሊጉን መሪነት ሲያጠናክር ኤሌክትሪክ እና አፄዎቹም አሸንፈዋል

በሊጉ የሳምንቱ የሁለተኛ ቀን ጨዋታ ሲዳማ ቡና ፣ ኢትዮጵያ ኤሌክትሪክ እና ፋሲል...

ዜናዎችየኢትዮጵያ ፕሪሚየር ሊግየዲሲፕሊን ውሳኔዎችዲሲፕሊን ውሳኔ

የዲሲፕሊን ውሳኔዎች

ገዛኸኝ ደሳለኝ (ሸገር ከተማ) : ክለቡ ከ ኢትዮጵያ ቡና ጋር ባደረገው የ26ኛ...

ዜናዎችየኢትዮጵያ ፕሪሚየር ሊግየጨዋታ ዘገባ

የሊጉ መሪ ሲዳማ ቡና በዝናባማው ጨዋታ በመቻል ሲረታ የጣናው ሞገድም አሸንፏል

እጅግ በከባድ ዝናብ ታጅቦ በተደረገው ጨዋታ መቻል የሊጉን መሪ ሲዳማ ቡናን 3ለ1...

ዜናዎችየኢትዮጵያ ፕሪሚየር ሊግየጨዋታ ዘገባ

ሀድያ ሆሳዕና ፣ ፋሲል ከነማ እና ወላይታ ድቻ ወሳኝ ድል አግኝተዋል

በሊጉ የሳምንቱ የሁለተኛ ቀን መርሀግብር ሀዋሳ ከተማ ወደ ሊጉ መሪ የሚጠጋበትን ዕድል...