መነሻ ገጽ HATRIIK AFAAN OROOMIFFAN Kilabni Bulchiinsa Magaala Finfinnee yeroo 7ffaaf walitti aansuun qabxii gate
HATRIIK AFAAN OROOMIFFANItiyophiyu pirimer ligeOduu HATRIIKOduu ispoorti oromooዜናዎች

Kilabni Bulchiinsa Magaala Finfinnee yeroo 7ffaaf walitti aansuun qabxii gate

አጋራ
አጋራ

Liigichi taphoota torban 25ffaa booda boqonnaaf adda bahuuf yoo jedhu har’a sa’aatii 4:00 irraa jalqabuun kilabnu Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Jimmaa Abbaa Jifaar wajjin qabxii qooddataniiru. warri Shaggar sababa hanqinoota of eeggannoo gochuu dhabuu taphoota as dhiyoo taasisaa jiran irratti agarsiisaniin ofiin of ajjeessaa (suicide) waan jiran fakkaata. dhiyoo kana taphoota 7 taasisan hunduma qixaan xumuruun gara Liigii Olaanootti daandii irraan gadee waan qabatanii jiran fakkaata. Jimmaa Abbaa Jifaar leenjisaasaanii Ashannaafii Baqqalaa hojii leenjisummaarraa erga gaggeessanii sochii dirree irratti mul’atuun waan fooyyee agarsiisanis miil-jala liigichaarraa sukkuumamuusaanii itti fufaniiru. morkichi boqonnaa dura galchii malee yoo goolabamu, boqonnaa deebii daqiiqaa 52ffaarratti warri Shaggar balleessaa taphataan sarara ittisaa Jimmaa Abbaa Jifaar Ye’aabsiraa Mulgeetaan taphataa sarara fuulduraa G.K.M Finfinnee Riichmand Adoongoo irratti saanduqa peenaaltii keessatti raawwateen peenaaltii argachuun Eeliyaas Ahmad lakkoofsisuun dursa qabatanis yeroon idilee taphichaa goolabamuuf daqiiqaawwan 6 yeroo hafan kubbaa Daawwit Fiqaaduun gara keessatti erge Mohaammadnuur Naasir addaan itti bu’uun lakkoofsisuun Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii qooddatee baheera. kanaanis kilaboonni lamaanuu miil-jala liigichaa keessa turuuf dirqamaniiru.

Sa’aatii 10 irraa kaasuun morkii Hawaasaa fi Bunni Itoophiyaa waliin taasisaniin galchiiwwan 4 yoo lakkaawwaman Bunni Itoophiyaa gara injifannootti deebi’eera.

Hawaasaan kubbaawwan dhedheeroo taphachuurratti xiyyeeffatanii kan turan sochiin taphichaa jalqabamee daqiiqaa 34ffaarratti kubbaa duuba taphattoota garee faallaatiin ergame Biruuk Bayyanaan gara galchiitti geeddaruun Hawaasaan dursa qabatus umuriin dursummaasaanii daqiiqaa 5niif qofa turuun daqiiqaa 39ffaarrattu Al’aazaar Shimallis rukuttaa adabbiitiin fageenyarraa galchii lakkoofsiseen wal qixxaachuun boqonnaa bahani.boqonnaa booda daqiiqaa 56ffaarratti Daagim Tafarraan garee ofiirratti Amaanu’eel Yohaannis immoo peenaaltiidhaan galchiiwwan dabalataa lakkoofsisaniin Bunni Itoophiyaa boodaa ka’uun injifannoo mi’ooftuu galmeessaniiru. Bunni Itoophiyaa sadarkaa bara dhufu hirmaannaa Konfedereeshinii Afriikaa isaaniif dhugoomsu qabatanii xumuruuf gahumsa walitti fufaa kana taphoota hafanirratti agarsiisanii xumuruun isaanirraa eegama. Bunni Itoophiyaa sadarkaa 4ffaatti yoo ol dhufu Hawaasaan sadarkaa 6ffaatti gad bu’eera.

አጋራ

አስተያየት ይስጡ

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

ተዛማጅ ጽሑፎች
ዜናዎችየኢትዮጵያ ፕሪሚየር ሊግየጨዋታ ዘገባ

የሊጉ መሪ ሲዳማ ቡና በዝናባማው ጨዋታ በመቻል ሲረታ የጣናው ሞገድም አሸንፏል

እጅግ በከባድ ዝናብ ታጅቦ በተደረገው ጨዋታ መቻል የሊጉን መሪ ሲዳማ ቡናን 3ለ1...

ዜናዎችየኢትዮጵያ ፕሪሚየር ሊግየጨዋታ ዘገባ

ሀድያ ሆሳዕና ፣ ፋሲል ከነማ እና ወላይታ ድቻ ወሳኝ ድል አግኝተዋል

በሊጉ የሳምንቱ የሁለተኛ ቀን መርሀግብር ሀዋሳ ከተማ ወደ ሊጉ መሪ የሚጠጋበትን ዕድል...

ዜናዎችየኢትዮጵያ ፕሪሚየር ሊግየጨዋታ ዘገባ

ፈረሰኞቹ በድል ሲቀጥሉ ንግድ ባንክ እና ድሬዳዋም አሸንፈዋል

ቅዱስ ጊዮርጊስ ተከታታይ ድሉን ወደ ቋቱ ሲከት ኢትዮጵያ ንግድ ባንክ ከጨዋታ ብልጫ...

ዋልያዎቹዜናዎችየኢትዮጵያ ብሔራዊ ቡድን

አንጋፋው አሰልጣኝ በስማቸው የእግር ኳስ ማሰልጠኛ አካዳሚ ሊገነባላቸው ነው

የኢትዮጵያ ብሔራዊ ቡድን የቀድሞ አሰልጣኝ ኢንስትራክተር ሰውነት ቢሻውን ለማመስገን እና ዕውቅና ለመስጠት...